Oduu

Jimmaatti Albuudni Oromiyaa saamamaa jirra.

 

Oduu OMN

(JIMMAA, Oromiyaa, Waxabajjii 16, 2017) – Godina Jimmaa aanaa Coraa Botor keessatti sirni wayyaanee seeran ala albuuda saamaa akka jiru himame.
Akka jiraattonni dubbatanitti, sirni wayyaanee Ehadik Chaaynotaan waliin tahuun Godina Jimmaa Aanaa Coraa Botor ganda Aleeluu Mi’eessoo naannoo Gibee keessatti saamicha albuudaa bal’inaan geggeessaa jira.
Namoonni seeran ala albuuda qabeenya ummata naannichaa tahe saamaa jiran kanneen, mootummaa fedraalaa irraa hayyamni nuuf kenname jechuun qaama bulchiinsa naannichaa fi ummataa sobaa jiru.

Ummanni Oromoo Godina Jimmaa Aanaa Coraa Botor ganda Aleeluu Mi’eessoo saamicha akbuudaa adeemsifamaa jiru kana mormuun cinatti rakkoo kana qaama itti iyyatu dhabuun gabaafamee jira.

Saamichi kun bara dabre keessa mormii ummataa irratti ka’een dhaabbatee turuu kan dubbatu jiraatan naannichaa nuti dubbifne tokko, saamichi saamicha albuudaa kun amma bifa haarayaan eegale je’a.

Bulchiinsi naannichaa dhimma kana keessa seenuf tattaaffii godhus nuti mootummaa fedraalaa irraa hayyamni nuuf kenname jechuun saamicha itti fufanii akka jiran namni kun OMN itti hime.
Mootummaan Etiyoophiyaa saamicha wal fakkaataa kibba Oromoo Aanaa Shaakkisoo, Lixaa Oromiyaa fi bakkoota adda addatti geggeessaa akka jiru beekkamaa dha.

Related image

Latest News

To Top