Oduu

OMN: Matoota Oduu

Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaqsan keessaa dargaggoonni fi hojjattoonni mootummaa bal’inaan hidhamaatti jiraachuun isaanii gabaafame. Kanneen hidhaman rakkoo daangatiin wal qabatee mormii  dhiyeenyaa kana geggeefame keessaa qooda fudhattan jedhamnii akka tahe jiraattonni dubbatan.Badrii Yuusuf amams gabaasa qaba.

 

Image result for omn news

Godaantonni lammiilee Ethiopia fi Somaaliyaa tahan galaana Yeman keessatti bishaanin nyaatamun isaanii himame. Baqattoonni balaa kanaan lubbuun isaanii darbite kunneen namoota karaa seeraan alaa namoota daddabarsaniin humnaan galaanatti akka darbatamaan IOM ifa godhee jira. Badrii Yuusuf gabaasaa  dabalataa qaba.

===============================

Gandoonni Oromiyaa daangaa Somaalee irratti argaman deegarsa humnoota poolisii addaa somaalee dawoo godhachuun uummata somaaleedhaan samamatti akka jiran maddeen OMNtti himan. Dhimma kana irratti PBMNO obbo Lammaa Magarsaa kutannoo fi ejjennoo naannoo isaanii dubbatanis qabatamaatti hojitti hin hiikkamne jechuun jiraattonni komatan.

Kun osoo kanaan jiruu sagalee dhukaasa gurguddoon dhaggahamaatti akka jirudha. Kana irraa ka’uun imbaasiin Ameerikaa kan Itoophiyaatti argamu Guyyaa har’aa Hagayyaa 10, 2017  tajaajilli geejjibaa Harariis fi  Baabilee giddutti jiru addaan citu isaa beeksise jira.

Sababa kanaan  karaa guddaan magaalaa Finfinnee Jijjigaan  wal qunnamsiisuu cufame jiraachuusa ibsi imbaasii kana dabaluun eerera.

Imbaasiin Ameerikaa kun itti dabaludhaa  lammiileen ameerikaas tahe hojjettoonni imbaasichaa gara iddoowwaan kanneen deemuu irraa akka of qusatan akkeekkachiiseera.

=====================

Waggoota lamaa oliif baqqattoonni Oromoo 31 biyya ‘’Indonesia’’ magaalaa ‘’Kupang’’ keessatti hidhamanii dararamaa jiraachuu dubbatan.

=======================

Gandoonni Oromiyaa daangaa Somaalee irratti argaman deegarsa humnoota poolisii addaa somaalee dawoo godhachuun uummata somaaleedhaan samamatti akka jiran maddeen OMNtti himan. Dhimma kana irratti PBMNO obbo Lammaa Magarsaa kutannoo fi ejjennoo naannoo isaanii dubbatanis qabatamaatti hojitti hin hiikkamne jechuun jiraattonni komatan.

 

 

Latest News

To Top